Ebla 05, 2015 Shaampiyoonaan Ispoortii Ammayaa marsaa 29ffaa aanaalee Godina Shawaa Lixaa fi dhaabbilee barnoota ol’aanoo godinichatti argaman magaalaa Ambootti hirmaachise Olaantumma qabxii guddaan Kolleejjiin Giloobaal Xumuurre jira. Kolleejjiin Giloobaal Amboo Shaampiyoona Ispoortii marsaa 29ffaa kubbaa saaphanaa dhiiraa, kubbaa saaphanaa dhalaa fi Buunyaan abbaa geeba sadii ta'uun olaantummaa guddaa qabuun xumuureera.
Obbo Dereje Bekela Pirezadantiin kolleejjii Giloobaal Damee Amboo akka jedhaanitti ispoortiin malattoo Obbolummaafi nageenyaa ta'u hala mirkaneesuun torban laman darban adeemsifamu dubbachuun amala gaarii agarsisaa turaniif galata galchuun dorgommii sadarkaa Oromiyaatti adeemsifamuuf gamanumaan qophii barbaachisu taasisuun Ambaasaddara Godinicha akka ta'an ispoortistootaaf dhaaman.
Itti Gaafatamaan Waajjira Ispoortii Godinichaa Obbo Mararaa Dabaree ispoorteessitoonniifi deeggartoonn namusa gaarii agarsisaa turaniif galata galchuun ispoorteessitoota sadarkaa Oromiyaatti dorgomuuf filataman cinaatti gareewwan ispoortii morkii kana irratti hinmilkaa'in irraas hojiin cimanii hojachuun fula duratti milkaa’uuf hojiin cimaa kan irraa egamuu ta'u dubbatan.
Ispoortessitoonni Godina Shawaa Lixaa bakka bu'uun sadarkaa Oromiyaatti hirmaatan 214 filatamuus Obbo Mararaan himaniiru.Dabaalatan Hojii gaggeessa Kolleejjii Giloobaal Damee Amboo Obboo kumaalan akka jedhaanitti Waldorgommii kanarratti, aanaalee godina Shawaa lixa Shaampiyoona waligalaa hundaa waliin Kara bifa midhaaga ta'ee geggeefamu Isaa Kara ol'aantummaa qabuun xumuuramu ibsani jiruu.