Kolleejjiin Giloobal Dorgommiin mo’aa mo’atoota kubbaa Saaphana Oromiyaa 1ffaan  magaala Adaama Isteediyeemi Abbabe Biqilaa irratti gaggeefamaa jiru irraatti hirmaachaa jira.

Dorgommiin mo’aa mo’atoota kubbaa Saaphana oromiyaa 1ffaan  magaala Adaama Isteediyeemi Abbabe irratti gaggeefamaa jira.
====//======
Dorgommii kana irratti gareen Godinaalee, Magaalota fi dhaabbilee irraa walitti dhufan hirmaachu irratti argamu. Dorgomicha kan jaqabsiisan itti gaafatamtu federeeshinii kubbaa saaphanaa oromiyaa adde loomi Addunyaa haasawa taasisaniin barbaachisummaan waldorggommii kana gareewwan kubbaa saaphanaa gara kilabiitti akka guddatan taasisuun liigii oromiyaa hundeessuuf haala mijaawaa uumuuf kaayyefame kan hojjetama jiru ta’uu isaa ibsani jiru.
Waldorgommi kana irrattis  gareen saddeet kan hirmaata jiran yoo ta’u. Isaanis Wallaggaa Yuuniivarsiitii, Magaalaa Shaggaritti kutaa magaalaa Galaan, kooleejii Giloobaal Amboo,  Mana Sirreessa Shawaa Bahaa, koolleejii Pooli Teeknika Adaamaa, kooleejji TVT Agarfaa, B/Magaala Bushooftuu fi B/Magaala Asallaa. Gareen kun guyyoota saddeetiif dorgommii kan taasisan yoo ta’uu, guyyaa har’aa Koolleejjiin Giloobal Amboo tapha jalqabaa keenya wallaggaa Yuuniivarsiitii waliin taphate injifatee jira. Kanaaf hawaasnii fi deeggartootni keenyaa Baga gammadaan jechuu barbaadna.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *