Kolleejjii Giloobaalii fi Garee Kubbaa Miillaa Hacaaluu Hundeessaa Amboo
- Kayyoon guddaan kolleejjii Giloobaal Kilaba kubbaa miillaa kana waggoota lamaaf Inspoonsara gochuuf murteesseef akaa armaan gadii ta’a.
- Sochii Ispoortii jajjabeessuuf
- Kilabiin kun maqaa Artistii keenya Qaalii Hacaaluu Hundeessaan waan hundaa’eef gumaacha inni hawaasa keenyaaf karaa muuziqaan gochaa tureef gama ispootiitiinis akkaa yaadatamuuf
- Artistiin keenya waa’ee jaalala, hawaasummaa, nageenyaa, waliif-yaaduu, waa’ee dinagdee, waa’ee guddinaa, waa’ee tokkummaa saba keenyaa weellisaa ture. Hacaaluu fi ispoortiin hariiroo cimaa waliin qabu. Akka armaan olitti ibsamee ispoortiinis jaalalaaf, guddinaaf, nageenyaaf, dinagdee fi hawaasummaaf iddoo ol’aanaa qaba.Kanaafuu kaayyoon keenya inni 2ffaan maqaa artistii keenyaa kana waamsisuu dha.
- Kilabii kana bira dhaabbachuun kilabiin kun gara piriimeerliigii itiyoophiyaatti akka guddaatee maqaa Artistii keenyaa Hacaaluu Hundeessaa, Magaala Amboo fi kolleejjii Giloobaal akka ol-kaasee beeksisuuf.
Gumaacha Hirmaannaa Kolleejjiin Giloobaal Ispoortii Keessaatti Qabu:
- Aanolee 22’n Godina Shawaa Lixaa keessa jiraniif barattoota ispoortii keessaatti hirmaatan lama lamaaf carraa barnootaa tolaa keennaa jira. Waligalattii barattoota 44f carraa kanaan fayyadamaa ta’aniiru.
- Aanolee 9’n Godina Shawaa Lixaa keessa jiraniiif hidhannoo ispoortii guutuu akkuma har’aa kana gumaacheefii jira.
- Garee kubbaa saaphanaa dhalaan yeroo sadiif geeba kaasnee (fudhannee) jirra.
- Garee kubbaa saaphanaa dhiiraanis yeroo tokkoof geeba kaasnee (fudhannee) jirra.
- Garee kubbaa miillaa dhiiraan tapha waancaaf qaqqabnee sadarkaa 2ffaan xumurree jirra.
Kanaaf guyyaa har’aa immoo taphattoota Garee Kubbaa Miillaa Hacaaluu Hundeessaa Amboo kan graee kubbaa miillaa fayyaa Finfinnee keessaatti dorgomaa jiraniif ispoonsara hidhannoo ispoortii guutuu waggaa lamaaf ta’ee jira.
Giloobal Amboo “Garee Kubbaa Miilaa Fayyaa Art.Acaaluu Hundeessaa”2013 kan hunda’ee yoo ta’u gareen kun kubbaa milaa Finfinnee bakka Wareegama Art.Acaaluu Hundeessatti akka taphachuuf karoorfate ka’e dubbatu. Sagaantaa kana irratti Asawaa kan godhan Diiniin Kolleejjichaa Ob.Darajjee Baqqalaa nuti deeggarsa kan isiniif goneef qabaannee osoo hin taanee, seenaaf maqaa Art.Acaaluutiin hojii guddaa Amboo waamsisudhaaf kayyeeffattanii deemaa jirtan cimsuuf nutis akka kolleejjii keenyaatti murteessine jedhan. Carraa kanaan Geebaa magaalaa Amboof akka fiddan abdii qabna kanaafis himaanaa kana isiniif keenninee jechuun bakka Hoggansi Bulchiinsa magaalaa Amboo argamanitti keennaniifi murteessine jedhaniiru.
I/Gaafatamaa Siyaasa Paartii Badhaadhina Bul.Magaalaa Amboo Ob.Kumalaa Hirpha gama isaniin keessummaa sagantichaa ta’uun kolleejji Giloobaal galateeffatan, Kolleejjiin Giloobaal kolleejjota magaalaan Amboo qabdu keessaa kan yeroo rakkoo rakkoo hawaasa keenya cina dhaabbatu, deeggarsa magaalli keenya irraa barbaadduunis adda dureen hojjetudha jedhan. Kanaanis akka magaalaa Ambootti beekkamtii guddaa nu biraa qabu jedhan.
Bakka Bu’uun Garee Ispoortii Fayyaa Art.Acaaluu Hundeessaa ob.Dirbabaa Gammadaa deeggarsa godhameef galateeffatanii, qaamota nubira dhaabbatanii Finfinneetti nudeeggaran nuuf jiraadha nutis maaqaa Art.Keenya Jaallatamaa Acaaluu Hundeessaatiin dachee innii irratti wareegame Finfinnee irratti injifannoo geebaa akkasumas seenaa akka galmeessinu shaakkii hin qabnu jedhaniiru.
Sagantichaarratti Keennaa Uffannaa Ispoortii Guutuu keennanii, deeggarsi kun waggoota itti aanaan 2f turu irratti waadaa galuun keennaa kana dura bu’aa Garee Ispoortii Fayyaa Art.Acaaluu Hundeessaatiif kennaniiru.
Xummurarratti Kolleejjiin Giloobal barattoota hedduu Barsiisuun akkasumas waa qabatamaa hawaasa isaa keessatti rakkoo jiru qoratee deeggaruun kan aadeeffate kolleejjii Giloobal fakkeenya Ambooti kan jedhan I/Gaafatamaa Kominikeeshinii Magaalaa Amboo ob.Maabiraatuu Taaddalaati.
Dabalataniis, “Garee Kubbaa Miilaa Fayyaa Art.Acaaluu Hundeessaatiif” jabaadha maaqaa namaa fi lafa seenaa Ambootu isinirra jira jedhanii, Fuulduratti miseensa horachaa dinagdeen of cimsaa jaalala isin gidduutti mul’atu Hawaasa Oromoo maraaf muuxannoo qoodaa deemuu qabduus dhaamaniiru.